as wr wb
Beekuu fi Beekumsa
Rabbiin (S.W) jarreen beekumsa barbaadan hanga xumuraatti fedhii beekumsa isaanii irraa hin fuudhin irrattille haa tasgabbeessu. Ummata yeroo isaanii qabeenya isaanii, dargaggummaa isaaniillee beekumsa barbaadu irratti fixaa jiran Rabbiin (s.w) isaan irraa haajaallatu. Beekumsa irratti beekumsa isaaniif haadabalu.Mindaa dadhabina isaaniitif jannata gaarii sanaan Rabbiin haadebisuuf. “halqatal ilm” barnoota diinii, qur’aana, hadiisa, fiq’hii, siiraa bakka itti kennaman naannaawanii dhiphisanii yemmuu taan’anii baratan akkam namatti tola seetan! Baay’ee nama gamachiisa. Umriin karaa Rabbiitiif kennan kisaaraa hin qabu. Bu’aan isaa hammam baay’ataa! Waliin taa’umsi gaariin ykn jaallatamaanii fi filatamaan beekumsa waa’ee diinii ofii beekuuf bakka waa’een Rabbi itti ka’uuf fi waa’een aakhiraa fi k.k.F dabalachuuf taa’umsa ta’aniitu bu’aa gudda ta’e qaba.
Ergamaan Rabbii (S.A.W) yemmuu dubbatan “adduniyaan, barataa diinii fi barsiisaan alati kuun kan abaarsaati wanti ishee keessati argamullee” jechuun waa’ee biyya addunyaa kana nuuf ibsan. Jechi kun ammam akka beekumsaf bakki gudddaan kenname kan agarsiisudha. “bakki ilmiin ykn barumsi itti kennamu caffee jannataati” jechuunis ibsaniiru. “yemmuu bakka barumsi diinii itti kennamu kana argitanis utuu itti gortanii hin ta’in akka bira hin darbine” jechuunis gaorsaniiru. Sababni isaa onneen ykn qalbiin wontoota adda addaatin gogdee goggogde illee beekumsaan jiiti. Tasgabbii fi nageenya argattee bakka san irraa kaati. Yemmuu bakka barumsi aakiraa itti kennamu teessanii dhaggeffattan sammuu ykn yaada keessaniin biyyaa gaarii tokkko deemtanii achi keessa baddu. Sun immoo kan laphee namaa tasgabbeessu qalbii nagee nyaan kan guutuu fi abdii fi sodaa gidduu akka jiraattu kan sigodhuu dha. Kanas ergamaan Rabbi nabi Muhammad (S.A.W) yemmuu ibsan “ namoonni mana Rabbi keessatti walitti hin qubamanuu, yoo wolitti qabamu ta’e immoo hanga isaan irratti tasgabbii
fi nageenyi utuu hin bu’in hin hafu, akka sumas mararton rabbi utuu isaan hin marsin, malee’ikooonni utuu isaan woliin hin ta’in hin hafanu” jechuun waan namoota bakka tokkotti beekumsaaf jecha walitti qabaman argatan nuuf ibsan. Utuu bubbutiinsi sheyxaanaa, gowwoomsaan nafsii, dhiibbaa ykn lallabbii hiriyaa gadheen utuu hin cunqurfamin, Lakki mee masjiida seeneen, Rabbiii (gooftaa)kiyyaa yaadadhaa, lubbuu koon fayyadaa, beekumsaan dabaladhaa. Oltuma koo waan gaarii dhaaniin goolaba (raawwadha) kan jedhee masjiida seene dhira irraas ta’ee dhalaa, namooonni akkasii kun abbaa carraa guddaa ti. Rabbiin sochii namoota akkasii barakaa keessa haakaa uuf waan jabaate illee haalaaffisuuf, waan jara rakkisaa fi waan jara yaaddesse mara Rabbiin furmaata itti haa kennuf.
Jireenya dhuniyaa isaanii haa gaaromsuuf, aakhira (booda du’a) isaaniis Rabbiin jannata gaarii sana haa badhasuun. Beekumsi ifaa dha kan karaa ittiin beeknu, kan jireenya keenya ittiin geggeessinu,
Beekumsi beekumsa hunda caalu beekuuf godhani dha Beekumsii Rabbii ofii ittin hin beekne beekumusa hin jedhamu Beekumsi caalaa ta’ee fi Rabbiin birattis beekamaa kan ta’e beekumsa diinii Rabbii ittiin beekanii dha (beekumsa diinii)ti.
Gonkumaa ifaa fi dukkanni fayyaa fi duuti, argaa fi jaamaan walqixxee miti. akkasumas beekumsii fi wallallumni wal hin dorgomu. Beekumsi ifaa dha ija kee bana, qalbii ibsa, imaana dabala, lubbuu haaromsa nafsii furdisa. Fageessee akka yaadnu godha, hiikaa fi iccitii jireenyaa akka barru nu godha. Rabbiin (S.W) akkuma lafa gogde bokkaa itti roobsee jiisu, beekumsis ilma namaa qalbii jiisee nama guutuu fi amala gaarii akka inni qabaatu godha. Beekumsi ofii keenyas ta’ee Rabbi keenya akka beeknu nu gargaara.
Waan dhokateeefi fagaate tokko addaan baasnee akka beeknu meeshaa nugargaaruu dha. Beekumsi waan cufame tokko bana, waan dhokate ifa baasa, waan bade namaa mul’isa beekumsa(Ilmii)jechuun yeroo hunda waan haaraa fi jikeenya haaraadha. Kanaafuu barataa ta’i, ykn barsiisaa ta’i, yookaan dhaggeeffataa ta’i, garuu afuraffaa kanaa akka hin taane ni miidhamtaatii.
Wallaalumni (jaahilummaan) gadda, dukkana, duwwaa, fi hiyyummaa dha. Nama birbirreessa, nama giddutti nama yellaasisa, hawaasa biratti nama salphisa, moofummaa dha, ulfina utuu hin ta’in salphina dha. fokkuu dha, yeelloo dha wollaalumni.
Maaloo wollaala irraa akka hin taanen si gorsa. Waan biraa yoo dhabde illee beekumsa qabaadhu. Waa’ee beekumsaa irratti hin yeella’in gaafadhuu bari hin sodaatin. Yelloo guddaan beekumsa dhabuu dha malee baruuf gaafachuu miti baruuf jettee gaaafachuua sadar kaa siif dabala malee sadarkaa kee tirraa sin hir’isu. Nammi beekumsa hin qabne hamman sooressa yoota’ellee kabajaa hin qabu, hawaasa keessatti ilaalcha gaarii hin argatu. Teessoo gaariin hin kennamuuf kanaafuu malummaa beekumsaa fi fayidaa inni qabu kanneen armaan olitti ibsaman qofa miti baay’eetu jiru. Akkasumas miidhaa wollallummaan qabullee kanneen armaan olitti caqasaman qofa miti kana irratti ibsinee waan raawwachuu hin dandeenyeef waan ta’eef maaloo waa’ee beekumsa diinii kana itti yaaduu woyya kan ammam duniyaarra turruuf gowwoomnaa??!!
No comments:
Post a Comment