Friday, 30 January 2015


Akka Rabbiin si jaalatu ta'uuf  
بسم الله الرحمن الرحيم
Faaruun Rabbii Gooftaa Aalama hundaa ta’eef haa ta’u. Nagayaa fi Rahmanni Irra caalaa uumama hundaa kan ta’e Ergamaa Rabbii Muhammad irratti
1.Akka Rabbiin si jaalatu ta’uuf hujiilee armaan gadii kana qabaatuun dirqama
Lakk
Hujii
Ragaa Qur’aanaa fi Hadiisarraa
1
Ergamaa (SAW) hordofuu:

Rabbiin akkana jedhe:”Yaa Muhammad! Jedhi:yoo kan Rabbi  jaallattan taatan,anuma jala deemaa,Rabbiin isin jaalateeti,dilii teessan isiniif araarama.”(Aali Imraan:31)
2
Nama sifaata kana qabu:

Rabbiin ni jedhe:”Yaa warra amantan ! Isin irraa namni amantii isaarraa garagale,fuul dura Rabbiin ummata isaan jaallatee,isaaniis isa jaallataniin dhufuuf taa’a; mu’umintoota irratti lallaafoo,kaafirtoota irratti immoo jajjaboo kan ta’an, karaa Rabbiitiif kan qabsaawan,ammaas komii nama isaan komatuu kan hin sodaanne. Suni tola Rabbiitii,nama fedheef kenna;Rabbi qabeenyi isaa bal’aa dha, beekaasi.”
3
Suuratu Ikhlaas waan isiin sifa Rabbii dubbattuuf qara’uu jaallatuu:

Aayishaa irraa gabaafamee: Ergaamaan Rabbii(SAW) gurbaa tokko waraana irratti godhe,gurbaan sun  yeroo isaaniin salaatu ‘Qul huwallaahu Ahad’ qara’ee ture. Yeroo gara Ergamaa Rabbii deebi’an Nabiyyichatti waan san himan, inniis akkana jedheen:waan inni isii qara’eef gaafadhaa! Isa gaafannaan, gurbaan akkana jedhe: Isiin sifa Rahmaan waan taateefiin qara’uu jalladhe, Ergmana Rabbiis:”akka Rabbiin isa jaallatu itti himaa.” Jedheen.(muslim)
4
Rabbiif jecha warra wal jaallate,Rabbiif jecha warra wajjiin taa’e,Rabbiif jecha warra wal ziyaaree fi Rabbiif jecha warra waliif kennee dha:

Abii Hureeyraan (RA) Nabiyyicha irraa gabaase: “Gurbaan tokko oboleessa isaa kan ganda biraa keessa jiru ilaaluuf deemnaan, Rabbiin karaa isaa irratti malaykaa tokko isaaf qopheessee,yeroo inni bira ga’u: eesaa deemaa jirta?” jedhee gaafannaan, gurbaaniis:oboleessa kiyya kan ganda kana keessa jiruun ilaaluuf dema, jedheen. Malaykichiis godhiin isarraa qabdu kan isii guddisuuf deemtu ni qabdaa? Jedhee gaafannaan, lakkii,Rabbumaaf jechaan isa jaalladhe,malee homaa hin qabu,jedheen. Malaykichiis: “Ani ergamaa Rabbiin gara keetti,akkuma ati isa Rabbiif jecha jaalattetti,Rabbiiniis si jaalatee jiraatuu himuuf ergee dha”jedheen.(muslim)
Rabbiin jabaatee guddate akkana jedha:”warra anaaf jedhee wal jaalate,kan anaaf jedhee wajjiin taa’e,kan anaaf jedhee wal ziyaaree fi kan anaaf jedhee waliif kenne jaalalti tiyya mirkanoofteef.”(Ahmad)
5
Ansaarota (warra Madiinaa) jaallatuu:
“Ansaarota nama mu’uminaa malee namni biro isaan hin jaallatu, munaafiqa malee namni biroos isaan hin jibbu. Nama isaan jaallate Rabbiin isa jaalata. Nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba.”(Bukhaarii fi Muslim)
6
Rabbi qunnamuu jaallatuu dha:
“Namni Rabbi qunnamuu jaalate Rabbiiniis isa qunnamuu jaallata. Nama Rabbi qunnamuu jibbe   immoo Rabbiiniis isuma qunnamuu jibba.” (Bukhaarii fi muslim)
7
Gabricha Rabbi sodaataa,dureessa dhokataa:
“Rabbiin jabaatee, guddate, gabricha isa sodaatu, dureessa, dhokataa ta’e san jaallata.” (Muslim)
8
Mu’umina Iimaanatti cimaa:
“Rabbiin jabaatee, guddate, gabricha isa sodaatu, dureessa, dhokataa ta’e san jaallata.” (Muslim)
9
Guutumatti Qur’aana kabajamaa irraatti garagaluu dha:
“Rabbiin jabaatee, guddate ilmaan namaa irraa namoota isaaf bulan, warra Qur’aanaa, namoo Rabbiitii fi warra isaaf bule.” (Ahmad,Ibnu Maajah)
10
Eega dirqama raawwatuutii sunnaan gara Rabbii dhihaatuu dha:
“Gabrichi kiyya dirqama hojjatee sunnaan gara kiyya yoo dhihaate isa jaallatuun koo hin hafu.” (Al-Bukhaar, Ahmad)
11
Haala sadeen kana qabaatuu:

Ergamaan (SAW) akkana jedhe: “Nama sadi Rabbiin ni jaalata, sadi immoo isaanuma jibba. Sadeen isaan jaallatu sun Gurbaa ummata tokkotti dhaqee, odoo firummaa jidduu isaa fi isaanii jirtuun hin gaafatin, Rabbiin isaan gaafannaan gurbaan tokko isaan keessaa duubatti hafee, kennaa isaa san Rabbii fi isa kenneef malee odoo namni tokko isa hin beekin kenne, ammaas ummata halkan deemaa bulanii yeroo rafiitiin (hirriibni) gara isaaniitti waan isaan madaalamu irra jaalatamaa ta’u qabatanii mataa isaanii yeroo lafa kaa’an gurbaan tokko keessaa  ka’ee na filatuun,aayatoota kiyya dubbisutti  seenee fi gurbaa waraana keessa jiraatee, diina argee waraanni dheysinaan, inni immoo qoma isaatiin aduwwitti garagalee, hanga ajjeefamutti yookaa moohutti lolee dha.” (Tirmiizii, Nasaa’ii, Ibnu Maajah, Ibnu Hibbaan.)
2. Rabbi biratti hujii jaalatamoo maal maal akka ta’an ni beektaa?
12
Salaata yeroo isaatti geggeessuu:
Abdallaah Mas’uud irraa gabaafamee akkana jedhe: hujiirraa kamtu Rabbi biratti irra jaalatamaa dha? jedhee gaafannaan; akkana jedhe:salaata yeroo isiitti sagaaduu dha.Ergasii hoo maali?jedhe gaafannaan,”eegasii haadhaa fi abbatti toltuu hojjachuu dha”jedhe.”Ammaas hoo?”jedheenn gaafadhe,”karaa Rabbiitiif qabsaawuu dha”jedhe,(Bukhaarii fi muslim)
13
Haadhaa fi Abbatti
toltuu hojjatuu:
14
Dirqama raawwachuu
dha:

“Gabrichi kiyya waaniin dirqama isarratti godhe hojjachuu  irra wanti akkaan  Ana biratti jaalatamu kan gara kiyyattiin dhiyaatu hin jiru.”(Al bukhaarii)
15
Akkaataa soomanaa fi salaata Daawuudi:

“Rabbi biraatti irra jaalatamaan soomanaa soomanaa Daawuudi,ammaaas Rabbiin biraati irra jaalatamaan salaataa salaata Daawuudi;walakkaa halkanii ni rafa,tokko sadaffaa isaa ni salaata,ammaas tokko jaffaa halkanii ni rafa.Guyyaa tokko soomanee,guyyaa tokko nyaatuu ture.”(Muslim)
16
sujuuda baay’isuu:

Ma’adaan Binu Abiixalhaa akkana jedhe:sowbaan,gabricha Ergamaa Rabbii(s.a.w)qunnameen,hujiin hojjadhee ittiin Rabbiin jannata ana galchu,yookaa irra jaalatamaan hujii maali naaf himi jennaan,na jalaa use,ammaas niin gaafadhe,numa use,ergasii yeroo sadaffaa gaaafannaan,akkana jedhe:waan kana Ergamaa Rabbii(s.a.w) gaafannaan,inni akkana jehde:Rabbiif sujuuda baayyisuu qabda.sujuudde  takka Rabbiif yoo sujuudde sababa saniin Rabbiin sadarkaa ol siif kaasee,hamtuus ittiin sirraa buusa.”(Muslim)
17
kurna Arafaa keessa hujii gaarii hojjachuu dha.
“Guyyoonni hujiin isii keesssaa karaa Rabbiitti jaallatamu kan akka guyyoota kurna kanaa inuma hin jiru.jennaan, karaa Rabbii keessatti qabsaawuulleen moo? jedhanii gaafannaaan, akkana jedheen:karaa Rabbiitiif qabsaawuuniis,yoo nama lubbuu isaatii qabeenya isaatiin bahee achirraa hin deebi’in tahe malee.”(Bukhaarii,Muslim)
18
hujii gaarii xiqqaattullee itti fufa qabu:
Aayishaa irraa gabaafame:Ergamaan Rabbii(s.a.w),hujii kamtu Rabbi biratti akkaan jaallatama?jedhamee,gaafatamnaan,xiqqaatullee isa itti fufa qabuu dha”jedheen.(Bukhaarii,Muslim)
19
Zikrii Rabbii jabaatee,guddateeti:
1.Abii Zarri irraa gabaafame,Ergamaan Rabbii(s.a.w)  akkana jedhe jedhe:“Irra jaalatamaan haasawaa,karaa Ahmadiin irra jaalatamaa hujii siif himuu?jennaan,naaf himiin jedheen.yeruma sana inniis:irra jaalatamaan haasawaa Rabbi biratti:subhaanallaahi,wa bihamdi hiidha.” Jedhe.(Muslim)
2.Ammas akkana jedhe:akkaan jaalatamaan  haasawaa gara Rabbitti afuri:subhaanallaah,walhamdu lillaah,wa laa ilaaha illaallaah,wallaahu Akbariidha isaan irraa kanuma feeteen yoo egalte rakkina hin qabu.(Muslim)
3.Ergamaan(s.a.w) ammas akkana jedhe: “Hujii keessaa irraa caalaa isii,mootii keessan biratti  irra qulqulluu isiii,sadarkaa keessan tan akkaan isiniif olkaaftu,ziqeeyaa fi birrii fudhatuu tan isiiniif caaltu,boru diina keessan qunnamtanii morma isaanii irra dhooftanii,isaaniis morma keessan dhawuu irra kan caaltu mee isinii himuu?jennaan,eeyyeen,yaa ErgamanRabbii! Nuuf himi,” jedhaniin,”Rabbii jabatee,guddate zakkaruu dha” jedhe.(Ahmad,Abuu Daawuud,Tirmizii)
20
Rabbi biratti irra jaalatamaa maqaa baafachuudha.
“Rabbiin biratti maqoota keessan  keessaa irra jaalatamaan:Abdullaahi,Abdurrahmaan.”(Musim)
21
Haala bareeduu dha.
1.Usaamaa Binu Shariik irraa gabaafama,sahaaboonni:yaa Ergamaa Rabbii! Rabbi birattii irra jaalatamaan gabroota Rabbii eeenyu? Jedhanii gaafannaaan,”kan  haalli isaa irraatti bareeduu dha.jedheen (Al Bukharii,Adabul mufrad keessatti)
2.Ergamaan Rabbii(s.a.w) akkana jedhe:“Ana biiratti irraa jaaalatamaan keessaan,isin keessaa kan haala bareeduu dha.”
3.Abdallaah Amrii,Ergamaa Rabbii(s.a.w)  isaa akkana jedhuun dhaga’e jedhe: “Ana  biratti irra jaalatamaa keessan,guyyaa qiyaamaa teessumaan kan nattii dhihaatu isiinii himuu?jedhee,yeroo sadi yookaa yeroo lama irra deebi’ee jeennaan, yaa Ergamaa Rabbii! Eeyyeen jennaaan,kan haali irraa bareeduu dha.” Jedhe.(Ahmad,Inbu Hibbaan)
22
Hujii kana:
Abdallaah Ibnu Salaam irraa gabaafamee,akkana jedhe:Nuti gareen sahaboota Ergamaa Rabbii(s.a.w) teenyee,waliin haasofnee,akkana jenne:Hujii kamtu Rabbii biratti irraa jaalatamaa dha,odoo beekne ni hojannaa turre;Rabbiin ol tahe aayata kana buuse:wanni samiwwaanii fi wanni dachii keessaa  Rabbii qulqulleessa.Inni injifataa ogeessa,yaa Isaan amantan!waan hin hojjanne maalumaaf jetten?”(Attirmizii)
3.Hujiilee Rabbiin jabaan ,guddate jaalatu
23
maqoota Rabbii ,sifaata isaati fi hujiilee isaatiin  Rabbi faarsanii , faaruu isaa deddeebisuu:

“Namni Rabbi caalaa hinaafu  hin jiru; sanuma irraa kan ka’e sagaggalumma dirree bahee fi kan dhokatees dhowa,wanni Rabbirra  faaruun gara isaatti jallatamu   inuma  hin jiru. Sanumafuu labbuu isaa faarse.” (bukhaarii)

24
Rabbii qulqullessu fi Isaa faarsuu: 
“jechoota lama,kan arraba irratti salphoo,madaala keessaatti kan ulfaatan ,Rahmaan biraatti jaalatamoo dha:subhanallaahi,wa bihamdihii,subhaanallaahil aziim”(Al bukhaarii,muslim)
25
Obsaa fi suuta deemuu
Ergamaan Rabbii(SAW) Ashajjiin akkana jedhe:”Si keessatti haala lama kan Rabbiin jaalatuutu argama: Obsaa fi suuta deemuu dha.”(Muslim)
26
Uffataa fi wanta biraatiiniis bareedanii deemuu dha:
Abdillaah Nabiyyicha(s.a.w) irra oddeffame,akkana jedhe:Namni onnee isa keessa boonni hanga mixii xiqqoo tokko jira jannata hin seenu “jennaan,gurbaan akkana jedhe: Nam tokko huccuu isaa bareedduu,kopheen isaas bareedduuu ta’uu jaallata, jennaaan, Ergamaanii akkana jedheen:”Rabbii bareeda waan ta’eef bareedina jaallata.Boonni dhugaa fudhaachuu didanii nama xiqqeessuu dha”(Muslim)
27
Waan shari’aan laaffiftees qabachuu dha
Abdallaah Umar irraa gabaafame,Ergamaan Rabbii(.sa.w) akkana jedhe:”“Rabbiin akkuma diliin isaa hojjatamuu jibbu laaffisuun isaa hojjatamuu jaallata.”(Ahmad)
Abii Hureyraa irraa gabaafame,Ergamaan Rabbii(s.a.w) akkana jedhe: “Rabbiin gurgurtaa laafaa,bittaa laafaa,fi murti laafaa jaallata.”(Tirmizii,Haakim)
28
Walii dhiisuu,laaffisuu fi arjummaa:
Usmaan Binu Affaan irraa gabaafame,Ergamaan Rabbii(s.a.w) akkana jedhe je’e:Rabbiin gurbaa namaaf laafa,bitataa,gurgurataa,murteessaa,murteeffataa namaaf irra darbu jaannata naqe”(Nasaa’ii,Ibnu Maajah,Ahmad)
29
Haxxisoo:
Abii Hureyraa(r.a) irraa gabaafame: “Rabbiin haxxisoo jaallata.”(Bukhaarii,Muslim)
30
Sodaa Rabbii qabaachu:
“Lakkii! Namni  Ahdii isaa  guutee,kan Rabbiin sodaate(inni  warra Rabbiin sodaatuudha),Rabbii warra Isa sodaatu jaallata.”(Aali Imraan:76)
31
Rabbii irratti hirkachuu:
“Yeroo(hojii irratti) muratte Rabbuma irratti hirkadhu,Rabbiin warra Isa irratti hirkatan jaallata.”(Aali Imraan:159)
32
Witrii salaatuu:
“Rabbiin mangoodha,mango(witrii) jaallata.”(Tirmizii,Nasa’ii)
33
Haalaa fi amala laafaa qabachuu:
“Rabbiin namaaf mararfata, waan hunda keessattuu laafina jaallata.”(Bukharii,Muslim)
34
dhiifama namaa godhuu:
“Rabbiin jabaatee,guddate,namaaf dhiisa waan ta’eef,waliif dhiifama godhuu jaallata.”(Ahmad,Abuu Ahmad,Abuu a’alaa,Haakim)
35
Obsa qabaachuu:
“Rabbiin warra obsan jaallata.”(Aali Imraan:146)
36
Haqqummaa:
“Haqa hojjadhaa,Rabbiin warra haqa hojjatan jaallata.”(Al hujuraat:9)
37
Masaajida keessaa ta’uu:
“Rabbi birattii iddoon jaallatamtuun masjidoota,irra jibbamtuun iddoo dhaa Rabbii biraatti magaalaa dha.”(Muslim)
38
Saalfachuu fi wal sattaruu(hamtuu walii dhoksuu)
“Rabbiin jabaatee,guddate obsaa dha,saalfaadha.nama sattara;saalfatuu jaallata,sattaratuu fedha;tokkon keessan yeroo dhiqatu namarraa haa sattaratu!”(Abuu Daawuud)
39
Towbachuu:
“Rabbiin warra amma amma towbatan jaallata,warra amma amma qulqulleeffata jaalata.”(Al baqaraa:222)

“Rabbiin kakadhe!Rabbiitu towbatuu gabricha isaatti gamma, qixa girbaan gala isaa argate gammaduu caalaa…”(Muslim)
40
Qulqulleeffachuu:
<<Masgiida Qubaa’ikeessa namoota Qulqulleeffatuu jaalatantu jira , Rabbiin warra qulqulleeffatan jaalata.>>(Attawbaa:108)
<<Rabbiin Warra amma amma tawbatan jaalata,warra ammaa amma qulqulleefatan jaalataas.>>(Al baqaraa:222)
41
Toltuu hojjachuu:
<<Toltuu hojjadhaa ,Rabbiin isaan toltuu hojjatanjaallaya.>>(Albaqaraa:195)
<<Warra dallansuu liqimsanii fi isaan namaaf irra dabraniin (baana), Rabbiin Isaan toltuu dalagan fedha.>>(Al imraan :134)
42
Mallattoo godhii Rabbii daangaa dabruu fi boonuun maletti mullisuu:
<<Rabbiin mallatoo godhii (ni’imaa) isaa gabricha isaa irratti arguu fedhu.>>(Tirm miizii,Nasaa’ii)
43
Warra shakkii (qaanyii) keessatti hinaafu:
Jaabir Binu Atiik irraa gabaafame,Nabiyyiin Rabbii (S.A.W)akkana jedhe:”Hinaaffaa irraa tan rabbiin jaallatuutu jira,isiirraa tan Rabbiin jibbuus jirti.Isiin Rabbiin jaalatu waan Shakkii fokkataa keessatti,Tan inni jibbu immoo  waan shakkii hin tahin keessattii dha.  Boona irraas kan rabbiin jibbuu,fi kan rabbiin jaallatuutu jira. Boonmi Rabbiin jaallatu yeroo lolaa gurbaan boonuu dha,ammaas sadaqaa kadhatuu irraa boonudha. Boonni rabbiin jibbu immoo nama miidhaa keessatti boonuudha.”(Abuu Daawud, Nasaa’ii, Ahmad)
4.Firii Rabbiin gabricha jaallatuun argamu
1
Jannata seenuu:
Gurbaan tokko Ergamaa Rabbii(SAW) akkana jedhee gaafate:Qiyaamaan yoomi?jennaan,Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedheen:Rabbi siif tolu!Isiin dhufaa jirtii,maal qophoofte? Inniis:jaalala Rabbii fi Ergamaa Isaatiin qophaa’e jedhe. Ergamaaniis(SAW): Ati nama jaallatte waliin taata. Jedheen.(Bukhaarii fi Muslim)
2
Jaalala Rabbii guutuu,qabaatee,rabbiin isaaf tumsee,kadhaa isaaf qeebaluu,isa sirreeysee kheeyrii isa qunnamsiisuu fi argaa sirrii isaaf kennuu:
Hadiisulqudsii keessa akkanaatu jira:”Nama jaalalloo kiyya diina godhate isaan lolaa ta’uu isa beeksisa;gabrichi kiyya waaniin dirqama isarratti godhe geessuu dura wanni gara kiyyattiin dhihaatu hin jiru. Gabrichi kiyya erga dirqamaan gara kiyya dhiyaatee,ani isaan jaaladha. Yeroon isa jaaladhe  dhagayaa inni dhagayuuniin tahaaf,argaa inni ittiin arguun tahaaf,harka inni ittiin ofirraa qabuun tahaaf,miila ittiin deemuun tahaaf;yoo  na kadhate niin kennaaf,yoo tika barbaadees niin tiksa.”(AlBukhaarii)
3
Waarri samii fi dachii isa jaalachuu:
<<Rabbiin yeroo gabricha jaallate akkana jedha:Yaa Jibriil! Ani abalu niin jaaladha,isiniis jaaladhaa. Achumaan jibriil warra samii keessa lallaba: Rabbiin jabaatee,guddate abalu ni jaalataa isiniis jaaladhaaf,warra dachiittiis jaalala isaa gadi buusee isaaniis jaallatu. Gabricha tokko yeroo jibbe immoo akkana jedha: Yaa Jibriil! Ani abalu niin jibbaa,isiniis jibbaa! Achumaan  jibriil warra samii keessa labsa: Rabbiin jabaatee,guddate,abalu ni jibba,isiniis jibbaa;isaaniis achumaan jibban,ammaas jibbanti dachii keessa isaa kaa’amti.>>(BUkhaarii fi Muslim)
4
Ibidda duraa nagaa bahuu:
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhe:”Rabbiin jaalalloo isaa ibiddatti hin darbu. ”(Ahmad)
5.Hujiilee Rabbiin jabaan,guddate,isii jibbu:
1
Diliilee gurguddoo kanaa gadiiti:
<<Shirkii,haadhaa fi abbatti mataa jabaatuu,firoota muruu,haqa kennuu diduu,qabeenya balleessuu,qorqoda (bakiilummaa),lubbuu haram taate ajjeesuu,zinaa ahdii diiguu,beekumsa malee dubbatuu,yookaan hojjatuu dha.>>
Rabbiin akkana jedha:<<Rabbii waliin gabbaramaa biraa hin godhin!... hanga… hundi saaniituu ,fokkotaan isaa Rabbi biratti jibbamaa ta’eera.>> (AlIsraa’i:22-34)
2
Kufrii fi kaafirtoota:
Rabbiin ol ta’e akkana jedha:”yoo didanii garagalan (isaan kaafiroota) Rabbiin kaafirtoota hin jaalatu.”(Aali Imraan:32)
Rabbiin ol ta’e akkana jedha:”Inni (Rabbiin) kaafirtoota hin jaalatu.”(Arruum:45)
3
Balleessaa fi balleessitoota:
Rabbiin akkana jedhe:”Rabbiin yakka(balleessaa) hin jaalatu.”(Al-Baqaraah:205)
Rabbiin ol ta’e akkana jedha:”Rabbiin badii hojjattoota hin jaalatu.”(Al-Qasas:77)
4
Nama ganuu:
Rabbiin akkana jedhe:”Dhugumatti Rabbiin nama gantuu,dilaawaa ta’e hin jaalatu.”(Annisaa’i:107)
Rabbiin akkana jedhe:”Rabbiin gantoota hin jaalatu.”(Al anfaal:58)
5
Dilii hojjachuu:
Abdallaah Umar irraa gabaafamee,Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhe:”Rabbiin akkuma diliin isaa hojjatamuu jibbutti,laaffisuun isaas hojjatamuu jaalata.”(Ahmad)
6
Boona:
Rabbiin akkana jedhe:”Rabbiin nama boonaa,dhaadataa ta’e hin jaalatu.”(Annisaa’i:36)
Ammaas Rabbiin ol ta’e akkanajedha:”Boonaa taatee dachii keessa hin deemin. Dhugumatti Rabbiin nama boonaa ,dhaadataa hunda hin jaalatu.”(Luqmaan:18)
7
Garaan ciisuu:
Xakhfaa Binu Qeeysii,Alghifaarii kan ta’e irraa gabaafamee,akkana jedhe: odoon ani masjiida keessa yeroo hiraabaa (dhuma halkanii) garaan ciisaa jiruu,gurbaan tokko miila isaatiin na sochoosee,akkana jedhe:”Isiin kun ciisicha Rabbiin jibbuu dha.” Yeruma san ol ka’ee ilaallaan Ergamaan Rabbiiti(SAW).  ”(Abuu Daawud,Tirmiizii,Ibnu Maajah,Ahmad)
8
Balleessatti gammaduu:
Rabbiin akkana jedhe:”Yeroo Qaaruuniin umanni isaa:Hin boonin,Rabbiin namoota boonu hin jaalatu. ”(AlQasas:76)
9
Jaarsa sagaggaalu:
Abii Zarri Nabiyyicha (SAW) irraa gabaasee,akkana jedhe:”Namoota sadi Rabbiin isaan jaalata,sadi immoo isaan jibba;sadeen Rabbiin jibbu: Jaarsa sagaggaalu,hiyyeessa boonuu fi sooreessa nama miidhu.” Annasaa’ii,Tirmiizii,Ahmaad,Tirmiiziin qulqulluu godhe.
10
HIyyeessa boonu:
11
Sooressa miidhaa hojjatu:
12
Munaafiqummaa:
Baraa’i(RA) irraa gabaafamee,Nabittichi(SAW) akkana jedhe je’e:”Ansaara(warra Madiinaa) nama mu’uminaa malee namuu isaan hin jaallaatu,munaafiqa malee namni biraa isaan hin jibbu. Nama isaan jaallate Rabbiin isa jaalata,nama isaan jibbees Rabbiin isaan jibba.”(Bukhaarii fi Muslim)
13
Ansaarota jibbuu:
14
Waan fokkotaa,fokkotaa hojjatuu,fokkotaa haasawuu:
Aayishaa irraa gabaafamee,Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhe jette:”Rabbiin waan fokkotaa hin jaalatu,fokkotaa hojjatuus hin jaalatu.”(Muslim)
Abii Dardaa’I irraa gabaafamee Nabiyyichi (SAW) akkana jedhe:”Wanti tokkollee madaala mu’uminaa keessatti guyyaa qiyaamaa haala gaarii qabaatu irra kan ulfaatu hin jiru. Rabbiin hujii fokkotaa,arraba waan fokkotaa haasawu ni jibba.”(Tirmiizii)
Abdallaah Binu Amrii irraa gabaafamee,Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhe:”Rabbiin waan fokkotaa hin fedhu,yookaa isa fokkotaa,waan fokkotaa dubbatuuf cinqamu ni jibba.”(Ahmad)
15
Iddoo shakkiin hin jirreetti hinaafuu:
Jaabir Binu Atiik irraa gabaafamee,Nabiyyiin Rabbii(SAW) akkana jechuu ture:”Hinaaffaa irraa wanni Rabbiin fedhuus ni jira,isiirraa ammaas wanni Rabbiin jibbuus nu jira. Isiin Rabbiin jaalatu waan shakkii keessaati(naamusa keessatti) hinaaffaa taatee dha. Hinaaffaan Rabbiin jibbu immoo isii shakkii (naamusa) keessatti hin tahinii dha.
16
Namatti roorrisuu keessatti boonuu dha.
Boonarraahiis kani Rabbiin jibbuu fi kani Rabbiin jaalatuutu jira.
Boonni Rabbiin jaalatu: Gurbaan yerroo lolaa(qabsoo) lubbuu isaa of guddisuu dha,akkasuma sadaqaa kadhachuu irraa of guddisuu dha.  Boonni Rabbiin jibbu immoo namatti roorrisuuf(miidhuuf) of guddisuu dha.(Abuu Daawud,Nasaa’ii,Ahmad) ”
17
Akka horriitti arraba baasee isa dubbii qoqqotu:
Abdallaah Amrii irraa gabaafamee, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhe:”Dhiirota irraa isa daangaa dabree akka loon gaafaan dachii uruutti arraba isaatiin dubbii qotaa ta’e Rabbiin hin jaalatu.”(Tirmiizii,Abuu Daawud,Ahmad)
18
Daangaa dabruu:
Rabbiin ol ta’e akkana jedha:”Daangaa hin dabrinaa; Dhugumatti, Rabbiin daangaa darbitoota hin jaalatu. ”(AlBaqaraah:19)
19
Miidhaa hojjattoota:
Rabbiin akkana jedha:”Rabbiin miidhaa hojjattoota hin jaalatu.”(Aali Imraan:57)
20
Jecha hamaa:
Rabbiin ol ta’e akkanajedha:”Rabbiin jacha hamaa, yoo nama miidhame ta’e malee ol fudhatuu hin jaalatu.”(Annisaa’i:148)
21
Jette jettee:
Mughiiraa Binu Shu’ubaa irraa gabaafamee, Ergamaan Rabbii (SAW) irraa odeessee,akkana jedhe:”Rabbiin waan sadi isiniif jibbe: jette jettee,qabeenya balleessuu fi gaaffii heddummeessuu dha.”(Bukhaarii fi Muslim)
22
Horii balleessuu, fi
23
Gaaffii heddummeesssuu:
24
Amammootuu:
Abii Hureeyraa(RA) Nabiyyicha (SAW) irraa gabaasee,akkana jedhe:”Rabbi haxxisoo ni jaalata,garuu amammuu ni jibba;namni tokko yeroo haxxifatee,Rabbi faarse,muslima isa dhaga’e hunda irratti isaaf kadhatuun haqa. Amammuun immoo sheeyxaana irraayi, hanga danda’etti haa ofitti dhoorguu,yeroo inni <haa> jedhe sheeyxaanni isatti kofla.”(Bukhaarii fi Muslim)
25
Qabeenya qisaasuu:
Rabbiin ol ta’e akkanajedha:”Nyaadhaa dhugaa! Daangaa hin badrinaa, dhugumatti,Rabbiin daangaa dabartoota (qisaastota) hin jaalatu.”(Ala’araaf:31)
26
Boonuu(of tuuluu):
Rabbiin akkana jedha:”Dhugumatti Rabbiin isaan boonan hin jaalatu.”(Annahli:23)
27
Ammaar Binu Yaasir jibbuu:

Khaalid Binul Waliid irraa gabaafamee, Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhe je’e:”Dhugumatti,namni Ammaar diina godhate,Rabbiiniis diina isa godhata,nama isa jibbees,Rabbiin jabaan,guddate,isa jibba,nama isa arrabsuus Rabbiin jabaatee,guddate isa arrabsa.”(Ahmad)


Dandeeytii fi fedhii Rabbii guddaatiin guyyaa Kamisaa bara 23/2/1435 A. H, sa’aa jaha fi daqiiqaa saddeet irrattiin raawwadhe.
 Faaruun  hunduu Rabbii Gooftaa uumama hundaatiif haa ta’u.  Rahmataa fi nageenyi  Ergamaa  Rabbii (SAW), sahaabota isaatii fi maatii isaa irratti haa ta’an.    Ergasii   namoota  hanga guyyaa qiyaamaatti isa hordofe irrattiis.
Hujiin kiyya kan fuula Rabbiiti.

No comments:

Post a Comment