Usuulu Assalaasaa
Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa akkaan rahmata
godhaa ta’eetiin.
Gaafii:1, Wantoonni afur,kan
baratuun nurraatti dirqamaa maali?
Deebii;
Tokkoffaan;Barumsa;Inniis Rabbi beekuu,diinii fi nabiyyi Isaa isaas(s.a.w)
Lammaffaan;Wan beektetti hojjachuu dha.
Sadaffaan;Gara Islaamummaa nama waamuudha.
Afraffaan;Rakkina amantii keessatti sirra ga’e
irratti obsuudha.
Ragaan kanaa jecha Rabbii olta’eeti:
“Maqaa
Rabbii akkaan mararfataa,akkaan rahmata godhaa ta’eetiin.
(1) Yeroon”
kakadhe! “ (2) Dhugumatti ilmi namaa
hoongoo keessa jira.
(3)Isaan
amananii,toltuu hojjatanii,dhugaa namaaf dhaamanii,obsaas waliif dhaaman
malee.’’
(suuratul
Asri,1-3)
Imaamu shaafi’iin-Rabbiin isaaf
rahamata haa godhu!-akkanajedhe: ”Rabbii n odoo uumaa Isaa irratti boqonnaa wal
Asrii malee ragaa biroo buusuu baateehuu isummaanuu isaaniif ni geessi ture.’’
Bukhaariiniis –Rabbi rahmata isaaf haa godhuu-akkana jedhe: ’’Boqonnaan
kun :Barnootaatu jechuu fi hojjatuu
duursa jedha.
Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Yaa Ergamaa! Dhugaan
gabbaramaan Rabi malee hin jiruu beekii,
balleessaa kee araarama gaafadhu.’’ suuraa Muhammad(19).
Rabbiin bakka kanatti jechaa fi hujii dura beekumsa duurse.
G-2: Waan sadi dhiiraa fi dubara muslimaa irrattis baratanii itti hojjachuun
dirqama;wantoonni sun maali?
1-Rabbiin nu uumeet,nu sooree, akkanatti
nun dhiifnee,ergamaa nutti erge.Namni isa hordofe jannata seena namni isa dide
immoo ibidda seena.
Ragaan jecha Rabbiiti: ’’Nuti ergamaa isin irratti raga
ta’e,akkuma gara Fir’ownaatti ergamaa erginetti,gara keessaniis ergine.Fir’owni
ergamicha faallessinaan qabaa jabaa isa qane.’’ (Al Muzzammil 15-16).
2-Rabbiin ibaadaa Isaa keessatti wanni
tokko Isatti ida’amuu hin jaallatu; Malaykaa Isatti dhiheeffamees ta’ee,
nabiyyii ergamees ta’ee. Ragaan jecha
Isa ol ta’eeti; ’’Gabbartiin hunduu Rabbumaafi, saniifuu Rabbii wajjiin waan
tokko hin waammatinaa!’’ (Aljinni,18)
3-Nama ergamaa hordofee,Rabbi
tokkichoomse,nama Rabbii fi ergamaa isaa faallesse tokko,odoo irra dhihoo fira
isaa ta’ellee jaallachuun isaaf hin hayyamamu.Ragaan jecha Isa ol ta’eeti: “ummata
Rabbii fi guyyaa boodaatti amanan, nama Rabbii fi Ergamaa Isaa fallesse isaanii
jaalatan hin argitu; odoo abboota isaanii,yoo kaa ilmaan isaanii, yookaa obboleeyyan
isaanii,Yookaa gosa isaanii tahanillee.Isaan san Rabbiin iimaana onnee isaanii
keessatti barreesseeti,tumsa Isa biraa taheen gadi jabeesse. Oyruulee isii jala
laggeen yaa’an,kan keessatti hafan
godhee isaan seensisa. Rabbiin isaan irraa jaallate,isaaniis Isa irraa
jaallatan. Isaan sun garee Rabbiif bulanii dha. Dhaga’aa! Gareen
Rabbii,isaanumaatu milkaa’oo dha. (Aimujaadalah;22) suni maa
, G- 3:Karaan sirrii taate, karaan
Ibraahiim sun maali?
D:
Ajaja Isaa
godhutti Rabbi si haa qajeelchuu beeki; Isiin sirriin,karaan Ibraahim sun:
Rabbuma qofaaf
ibaadaa qulqulleessitee gabbaruu dha.Waan sanitti Rabbiin nama hunda ajaje,isumaaf
isaan uumees.
Akkuma
Rabbiin olta’e jedhe:” Jinniis ta’ee, namaas akkuma Ana gabbaraniif malee hin
uumne.” (Azzaariyaat:56)
G -4: Hikkaan jecha:”Akkuma Ana gabbaraniif’
jedhu maali?
D-Akkuma
Ana tokkichoomsaniif jechuu dha.
G-5- Wantoota Rabbiin itti ajaje keessaa
irra guddaan maali?
D - Irra Guddaan
waan Rabbiin itti ajajee: Isa tokkichoomsuu dha.
G-6: Towhiida jechuun maal jechuu dha?
D- Towhiida jechuun :Rabbi tokkichoomsuu jechuu
dha.
G-7: Wantoota Rabbiin irraa dhorge
keessaa irra guddaan maali?
D: Wanta biraa Isa wajjiin gabbaruu
dha.
G-8: Shirkii jechuun maal jechuu dha?
D: Waan biraa Isaa wajjiin gabbaruu
dha.
G-9: Irra guddaa ajajaatii fi irra guddaa
dhoorgaa san irratti ragaan maali?
D;Ragaan jecha Isa ol ta’eeti: ’’Rabbi gabbaraa;Isatti humaa hin ida’inaa.” (Annisaa’i:36)
G-10- Bu’urri sadeen ilma namaa irratti beekuun dirqama ta’e sun maali? yo siin
jedhame,akkana jedhiin:
D-Gabrichi Gooftaa isaa, amantii isaa,fi nabiyyicha isaa
Muhammad (s.a.w) beekuu dha.
G-11- Gooftaan kee eenyu? yoo siin jedhame, akkana jedhiini:
D- Gooftaan koo Allaaha,Isa ana guddise,
kan aalamtoota hunda qananii isaatiin gudiseedha; Inni gabbaramaa kiyya.Isa
malee gabbaramaan biraa naaf hin taane.
Ragaan kanaa jecha Isa olta’eeti: ’’Faaruun hundi Rabbii, Gooftaa aalamaa
ta’eefi.’’
(Alfaatihaa-2) wanti
Rabbi malee jiru hunduu Aalama; aniis aalama san irraa isa tokko.
G-12-Gooftaa kee maaliin beekte? yoo siin
jedhame, akkana jedhi:
D-
Mallattolee Isaatii fi uumama Isaatiiniin beeke.Mallattoolee Isaa irraayi:
halkan,guyyaa,biiftuu, fi jiiniis.
Uumama Isaa irraayi: Samiin turban,dachiileen turbaanii fi wantoonni isaan keessa jiraataniis. Ragaan
jecha Rabbii ol ta’eeti:
“Halkan,guyyaan,aduufi jiiniis mallatoolee Rabbii
irraayi.Biiftuufi ji’aaf hin sujuudiina, Rabbii isaan uumeef sujuudaa,yoo kan
isuma qofa gabbartan taatan”(Fussilat:37),
Ammas jecha Rabbii ol ta’eeti: “Gooftaan keessan Allaaha,Isa
samii torbaaniifi dachii guyyuma jahatti uumee,ergasii Arshii irratti ol ta’ee
dha.Halkaan guyyatti hagooga;innis guyyaa saffiisaan barbaada,Biiftuu,ji’aa fi
urjiis ajaja Isaatiin laaffifamtuu
godhee kan uume.Dhagayaa! uumuu fi ajajuun hundi kan
Isaati.Rabbiin,Gooftaan Aalama hundaa guddate.”(Al a’araaf:54)
Rabbi jechuun Isaa gabbaramaa jechuu dha.
Ragaan jecha Rabbii ol
taheeti: “Yaa nama!Gooftaa keessan,Isa isiinii fi isaan isin duraatiis,akka Isaa sodattaniif uume gabbaraa.Isa dachii afata isiini
godhee,samii immoo jaarmaya gubbaa isiini godhee,dumessa irraa rooba isinii
buusee,bokkaa saniin midhaan adda addaa isin sooruuf kan isiniif magarse.
Kanaafuu Rabbiif hiriyoota hin godhiinaa.isin ni beektanii.”(Al baqaraa:21,22)
Ibnu Kasiir tafsiira
isaa keessatti akkana jedhe:”Inni wantoota kana hunda uume,isumaatu gabbaramuu
haqa godhata.”
G:13 Gosootni ibaadaa Rabbiin itti ajajee maal faadhaa?
D:Akka Islaamummaa,iimaana,ihsaanaati,ammaas wantoota san
irraayi:kadhaa,sodaan,kajeellaan,hirkatuun,abdachuun,sodaatuun,naamusa
godhatuun,sodaan cimaan,towbaan,gargaarsifatuun,tikfamuun,dirmachuu
barbaaduun,qaluun,qodhaanii fi akaakulee ibaadaa irraa wantootni Rabbiin itti
ajaje hundi.
G 14:Akaakuuleen ibaadaa dubbatamanii fi kan hin
dubbataminiis,Rabbuma tokkicha, hiriyaa hin qabneefi,waan kana irratti raga
fidii yoo gaafatamte?
D:Ragaan jechaa Rabbii ol ta’eeti: “Ibaadaan Rabbumaafi;kanaafuu,Rabbii wajjiiin waan
tokkollee hin gabbarinaa.”(Aljinnii,18)
G 15:Murtiin nama wantoota ibaadaa irra ta’e,wan Rabbi hin
ta’iniif hojjatee,yookaan garagalchee maali?
D:Namni wantoota san irraa,waanuma takka,waan Rabbi hin
ta’iniif kenne,inni sun mushrika,kaafiraasi.
G16:Waan san irratti ragaan maali?
D:Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Namni rabbi waliin
gabbaramaa biro,odoo raga isatti hin qabne,gabbare,qorannaan isaa Gooftaa isaa
biratti.Dhugumatti kaafirtoonni hin milkaawan.(Al mu’uminuun:117)
G 17:Kadhaan Rabbiif malee hin ta’uu irratti ragaan maali?
D:Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Gooftaa
keessan:Isiniifiin owwaadhaa,Ana yaammadhaa!warri kadhaa tiyyarraa boonan
fuuldura salphatanii,jahannam seenuuf jiran,”jedha.(Ghaafir:60)
Hadiisa keessattiis akkana jechuutu jira: “Kadhaan,dhuka
ibaadaati”
G 18:Sodaan ibaadaa ta’u irratti
ragaan maali?
D:Ragaan soda jecha Rabbii ol
ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa!yoo mu’umintoota taatan anuma soda dhaa”(Aali
Imraan:175)
aHadiisa keessattiis akkana jechuutu jira: “Kadhaan,dhuka
ibaadaati”
G 18:Sodaan
ibaadaa ta’u irratti ragaan maali?
D:Ragaan
soda jecha Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa!yoo mu’umintoota taatan
anuma soda dhaa”(Aali Imraan:175)
G
19:Kajeellaan ibaadaaa ta’uu irratti raga maali?
D:Ragaan
kajeellaa jecha Rabbii ol ta’eetii: “Namni Rabbii isaa qunnamuu kajeela,hujii
baeedaa haa hojjatuu,ibaadaa Gooftaa isaa keessatti waan tokkollee hin
dabalin.”(Al khaf:110)
G20:Hirkatuun
ibaadaa ta’u irratti ragaan maali?
D:Ragaan
jecha Rabbii ol ta’eeti: “Rabbuma qofa irratti yoo mu’umintoota taatan
hirkadhaa!” Boqonnaa Almaa’idaa:23,Ammaas jecha Rabbiiti: “Namni Rabbi irratti
hirkate,innuu numa ga’aaf.”(Suuratuxxalaaq:3)
G21:Kajeellaa,sodaa
fi naamusni ibaadaa ta’uu irratti ragaan maali?
D:Ragaan
isaa jecha Rabbi ol ta’eeti: “Isaan sun toltuu keessatti fuula duratti deemuu
turan;kajeellaa fi sodaan nu waammatan,naamusa Nuuf qabaatuu turan.” Boqonnaa
(Al anbiyaa:90)
G22:Khashyaan
ibaadaa ta’uu irratti ragaan maali?
D:Ragaan
khashyaa jecha Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa anuma
sodaadhaa.”(Boqonnaa ALbaqaraa:150)
G23:Ragaan
toowbaan ibaadaa ta’uudhaa maali?
D:Ragaa isaa
jecha Rabbiiti: “Gara Gooftaa keessanii deebi’aa,Isa jala butamaa.”(Suuraa
Azzumar:54)
G 24:Ragaan
gargaarsa barbaachuu ibaadaa ta’uu dhaa maali?
D:Ragaa isaa
jecha Rabbi ol ta’eeti: “Suma qofa gabbara,suma qofa gargaarsifannaas.”(Suuraa
Faatihaa:5)
Ammas
hadiisa keessatti akkana jechuutu jira: “Yeroo gargaarsa barbaaddae,Rabbumaan
gargaarsifatuu barbaadi,”Ahmad,Tirmiizii
G25:Tika
barbaaduun ibaadaa ta’ui irrati ragaan maali?
D:Ragaan
isaa jecha Rabbiiti: “Yaa Muhammad! “Gooftaa nama uumeeniin
tikfama,”jedhi”(Suuratu Annas:1)
G26:Ragaan
dirmachuu barbaaduun ibaadaa ta’uu dhaa maali?
D:Ragaan
saani jecha Rabbiiti: “Yaa Ergamaa!yeroo Gooftaa keessan irra birmachuu
barbaaddanii,isiniif owwaate san,’yaadadhu.”(Al anfaal:9)
G27:Qaluun
ibaadaa ta’u irraati ragaan maali?
D:Ragaan
isaa jecha Rabbiiti: “Yaa Muhammad!Akkana jedhi:salaanni kiyya,qaluun
kiyya,jiruun kiyyaa fi du’uu kiyyaas Rabbii,Gooftaa Aalamaa ta’eefi.shariikni
Isaaf hin taane.Isa tokkichoomsuu sanittiin ajaajamee,muslimtoota ummata kanaa
irraa ani jalqaba.”
Hadiisa
irraayiis: “Nama waan Rabbbii malee jiruuf qale,Rabbii rahmata Isaa irraa haa
fageessu!”Muslim:(1978)
G28:Ragaan
qodhaan ibaadaa ta’uu dhaa maali?
D:Ragaan
qodhaa jecha Rabbiiti “Isaan qodhaa ni guutan,ammaas guyyaa humtuun faca’aa
ta’e saniis ni sodaatan,”(Suuratul-Insaan:7)
G29:Bu’urri
lammaffaa maali?
D:Bu’uurri
lammaffaa:Gabrichi ammantii islaamaa ragootaan beekuu dha
30;Diinal
islaam hiika isaa ibsi?
D;Rabbii
tokkichoomsanii,itti of kennuu,ajaja isa jala butamuu,shirkiifi warra isii
irraas qulqullaawuudha.
G31;Sadarkaaleen
diinal-islaam meeqa?
D;Inni
sadarkaalee sadi qaba.
G32;Sadarkaaleen
sadeen sun maali?
D;Islaamummaa,Iimaanaafi
Ihsaanaa dha.sadarkaaleen hundinuu rogoota mataa isaanii qabu
G33
Sadarkaan tokkoffaa maali?
D; Sadarkan
tokkoffan islaamummaadha.
G34;Rogoonni
islaamummaa maali?
D;Rogooni
islaamummaa shani.
G35;Rogooni
sun maali?
D;Dhugaan
gabbaramaan Rabbii malee hin jiruu fi Muhammadiis ergamaa Rabbii ta’uu raga
ba’uu, salaata sirritti sagaduu,zakaa kennu,ji’a Ramadaanaa soomanuu fi mana
kaba jamaa ta’e san hamiluu dha(hajji godhuu dha).
G36;Ragaa
shahaada himi?
D;Ragaan
isii jecha Rabbii olta’eet i; Dhugaan gabbaramaan Isa malee akka hin jirre
Rabbiin raga bahe, Malaykotaa fi warri beekumsa qabaniis raga bahaniiru.Dhugaan
dhaabbataa haala ta’een. Dhugaan gabbaramaan
isa malee hin jiru,Inni injifataa ogeessa;(suuraa Ali Imraan;13)
G37;Hiikaan gabbaramaan
dhuga Rabbi malee hin jiruu maali?
D;Hiikaan
isii; Inni dhugaan gabbaramu Rabbii malee hin jiruu Isii keessa dhabamsiisaa fi
mirkaneessuutu jira; Daagaan dhabamsiisuu dhaa’’Dhugaann gabbaramaan hin
jiru’’dha, wanta Rabbiin alatti gabbaramu hunda ni dhabamsiisa.’’Rabbi
malee’’jechuun;Ibaadaa Rabbumaa qofaaf,mirkaneessu,Rabbiin akkuma mootammaa
Isaa keessatti hiriyaa hin qabne,Ibaadaa Isaa keessattiis hiriyaa hin qabuu
dha,
G38;Hiikaan
shahaadaa,kan isii ibsu maali?
D;Wanti isii
ibsu jecha Rabbii ol ta’eeti;’’yaa Muhammad! Yeroo Ibraahiim abbaa isaatii fi
ummata isaatii akkana jedhe san (dubbadhu);Ani waan isin gabbartan irraa
qulqulluudha.Isa ana uume malee, Inni fuul dura ana qajeelcha.Isii tana jecha
isa booda haftu godhe, akka deebi’aniif’’(Suuratul Zakhraf;26-28)
Ammaas jecha
Rabbii ol ta’eeti; yaa Muhammnad!akkana jedhi;yaa abbootii kitaabaa! Gara jecha
nuufii isinittiis wal qixa ta’ee kootta.(Isiin sun)Rabbi malee gabbaruu
dhabu,Isatti waan biraa qixxeessuu dhabu, gariin keenyaas garii Rabbii achitti
gabbaramoota godhatuu dabuu dha.yoo garagalan,nuti muslimtoota ta’uu raga tahaa
!jedhaan’’(Aali-Imraan;64)
G39;Ragaan
Muhammad ergamaa Rabbii tauu dhaa maali?
D;Ragaan
inni ergamaa Rabbii ta’uudhaa, jecha Rabbii olta’eeti;Dhugumatti,ergamaan
iinuma irra ta’e, isin rakkatuun kan itti cimu,qajeeluu keessan irratti
bololaa(hawwaa)kan ta’e,mu’umintootaaf rifataa ,rahmata godhaa kan ta’e
isinitti dhufeera.(suuratu attowbaa:128)
G;40;Mahammad
ergaamaa Rabbiiti jechuun maali?
D; Hikkaan isaa;waan
inni ajaje keessatti ajajaa isaa godhuu,waan inni hime keessatti isa
dhugoomsitee, waan inni dhoorge irraa fagaatuu dha.Waan inni karaa godheen
malee Rabbiin gabbaramuu dhabuu dha.
G41;Ragaan
salaataa,Zakaa fi hiikkaan towhiidaas maali?
D;Ragaan isaanii
jecha Rabbii ol ta’eeti;’’Qajeeloo ta’anii, ibaadaa isaa qulqulleessanii Rabbi
gabbarutti maalee salaata sirri tti sagadutti malee, zakeess kennaatutti malee
hin ajajamne.saniitu amantiiti (suuratu bayyinaah;5)
G42: Ragaan
Soomanaa maali?
D: Ragaan
Soomanaa jecha Rabbii ol ta’eeti:” Yaa
warraamantan! Soomanni akka warra isiniin duraa irratti murteeffametti,
isin irrattiis murteeffamee jira,akka Rabbi sodaattaniif.” (suuratul
Baqaraa:183)
G43:Ragaan
Hajjii maali?
D: Ragaan
hajji jecha Rabbii ti:”Namoota sinqii danda’e
ka’abaa haja’uun dirqama Rabbiif isaan irratti jiru. Nama didees Rabbiin
aalamtoota irraa dureessa.”(Aali Imraan:97)
G44:
Sadarkaan lammaffaahoo maali?
D: Sadarkaan
lammaffaa: iimaana, inni dameelee torbaatamii fi wahi. Dameelee san irraa tan
irraa olii; dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruu dha. Tan irraa gadii
immoo waan nama rakkisu karaarraa kaasuu dha. Saalfatuuniis dame iimaanaa
irraahi.
G45:
Rogootni iimaanaa meeqa?
D: Rogootni
iimaanaa jaha.
G46:
Rogootni sunniin maal faadha?
D: Rabbitti
amanuu,Malaykota Isaattiis amanuu,kitaabban Isaattiis amanuu,Ergamtoota
Isaattiis amanuu,Guyyaa Aakhiraattiis, qadarattiis; hamtuu fi toltuu isaatti
amanuu dha.
G47:Rogoota
jahan kana irratti ragaan maali?
D:Rogoota
jahan kana irratti ragaan jecha Rabbiiti:”Fuula keessan kallattii bahaa fi
lixaatti gara galchuun toltuu miti. Garuu toltuun (hujii) nama Rabbitti,guyyaa
aakhiraatti,Malaykotatti, kitaabatti fi Nabiyyootatti amaneeti.”(Albaqaraa:177)
Ragaan
qadaraa immoo jecha Rabbiiti:”Nuti waan hunda qixa sirrii ta’een uumne.”( Al
qamar:49)
G48:
Sadarkaan sadaffaa maali?
D: Sadarkaan
sadaffaan:Ihsaana.
G49:
Rogootni Ihsaanaa meeqa?
D: Roga
tokkoo dha. Inniis:”Akka waan agartuutti Rabbi gabbaruudha. Yoo ati arguu
baattees Isaatu si argaa.”
G50: Roga
kana irratti ragaan maali?
D: Ragaan
jecha Rabbiiti:”Rabbiin warra isa sodaatu wajjiin jira,warra toltuu hojjatanii
waliin jira.”, Ammaas jecha Rabbiiti:”Rabbi injifataa, rahmata godhaa ta’e
irratti irkadhu. Yeroo ati dhaabbattu kan si argu. Warra sujuudu wajjiin
gara gaggaluu keetiis kan si argu. Inni
isumaatu dhagayaa,beekaa dha.”(Ashu’araa’i:217:220)
Ammaas jecha
Rabbiiti:”Waan takkallee keessatti hin taatu; waan saniis Qur’aana irraa hin
dubbiftu, hujii tokkollee hin hojjattan, yeroo isin keessa galtan ragaa isin
irratti taanu malee hin taane.” (Yuunus:61)
G51:
Sadarkaalee diin san irratti hadiisa irraa ragaa fidi?
D: Hadiisa
irraa ragaan hadiisa Jibriil beekkamaa sani. Umar Binul Khaxxaab(R.A) irraa
gabaafamee, akkana jedhe: odoo nuti Nabiyyicha(SAW) waliin taa’aa jirruu
gurbaan huccuun isaa adii, rifeensi isaa
akkaan gurraachaa, kan mallattoon imaltuu isarraa hin mullanne,nurraa kani
nam-tokkolleen isa hin beekne tokkoo nurratti mullatee, gara Nabiyyichaa(SAW)
achi goree gad taa’e, Jilba isaa lamaan
gara jilba lamaan Ergamaa(SAW) harkisee,
sanacha isaa lamaan tafa isaa lamaan irra kaayyatee, Yaa Muhammad(SAW)!
Islaamummaa irraa naaf himi, jedhee, gaafannaan, Nabiyyichi(SAW) akkana
jedheen:”Dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruu raga bahuu,Muhammadiis
Ergamaa Rabbii ta’uu raga bahuu dha, salaata sirritti dhaabuu dha, Zakaa kennuu
dha,Ramadaan soomanuu dha, ka’abaa ziyaaruu dha,garas deemuu dha yoo dandeettii
qabaatte. Dhugaa jette jedheen. Ifumaa gaafatee, dhugoomsaa,jennee
dinqisiifanne . Ammaas, waa’ee iimaanaa irraa naaf himi,jedhee gaafannaan,
akkana jedhan:”Rabbitti amanuu, malaykota Isaattiis, kitaabota
Isaattiis,Ergamtoota Isaattiis,guyyaa boodaattiis amanuu dha. Toltuu fi hamtuu
qadaraattiis amanuu dha”. Akkana jennaan, dhuguma dubbatte jedheenii,ammaas
waa’ee ihsaanaa irraa naaf odeessi jedhee gaafannaan, akkana jedheen:”Akkuma
waan agartuutti Rabbi gabbaruudha. Yoo ati Isa arguu baattees, Isaatu si
argaa.” Ammaas qiyaamaa irraa naaf odeessi jedhee, gaafannaan,akkana jedhe:”Ani
gaafatamaan si gaafataa irra beekaa miti. Eegasiifuu mallattoolee isiitirraa
naaf himi jedhee gaafate. Ergamaan(SAW) akkana jedheen: Gabrittiin goftaa isii
dhaluu,namoota kophee hin qabne,kan qaama irraa huccuu hin qabne, harka
qalleeyyii tikistee re’ee kan ta’an isaanii jaarmaya keessatti wal dorgoman
arguu dha.” Umar akkana jedhe: Gurbaan ni deeme, guyyoota muraasa ni turre,
achii booda Ergamaan(SAW) akkana jedhe:”Yaa Umar! Gaafataa san nama inni ta’e
ni beektaa?” jennaan, nutiis: Rabbumaa fi Ergamaa Isaatu beeka jennee
deebifnaan, akkana jedhe:Inni sun Jibriili,waa’ee amantii keessanii isin
barsiisuuf isinitti dhufe.” Muslimiitu gabaase(8)
G52:
Hundeelee sadeen irraa hundeen sadaffaa, tan gabricha irratti isii beekuun
dirqamaa sun maali?
D: Hundeen
sadaffaa: Nabiyyicha keessan Muhammad(SAW) beekuu dha. Inni Muhammad Abdallaah, Abdul Muxxalib,
Haashim;Haashim Qureeshii irraayi,Qureeshiin Araboota irraa yoo taatu, Arabni
immoo ilmaaan Ismaa’il Ibraahiim irraayi,nagayaa fi rahmanni isaa fi Nabiyyicha
keenya irratti haa jiraatu!
G53: Umriin
isaa hangam ture?
D: Umrii
isaa waggaa jahatamii fi sadi ture;isii irraa afurtama nabiyyummaan dura dabarse, digdamii sadi
immoo nabiyyummaa keessatti dabarse. Suuraa Iqraa’iin nabiyyii godhame,suuraa
Almuddassiriin ni ergame, biyti isaa makka.
G54: Nabi
Muhaammad maaliin ergame?
D: Shirkii
irraa nama baqachiisee, gara toohidaatti yaamuudhaan ergame.
G55:Waan
kana irratti ragaan maali?
D: Ragaan
jecha Rabbiiti:”Yaa huccu mammarataa! Ka’ii namaaf dinniini. Rabbii kee
guddisi. Uffata kee qulqulleeffadhu. Taabota gabbaruu irraa fagaadhu. Guddoo
barbaaduuf xiqqoo hin arjoomin. Goftaa keetiif obsi.”
G56:
Hiikkaan jecha “Qum fa anzir” jedhuu maali?
D: Hiikkaan
isaa shirkii irraa dinniini,gara tokkummaa Rabbiitti nama waami jechuu dha.
G57:
Hiikkaan Rabbii kee guddisi jedhu maala jechuudha?
D: Isa
tokkichoomsuudhaan guddisi.
G58:
Hiikkaan”huccuu kee qulqulleeffadhu” jedhu maali?
D: Hujiilee
kee shirkii irraa qulqulleessi jechuu
dha.
G59:
Hiikkaan “Taabota irraa fagaadhu” jedhu maali?
D: Taabotaa
fi namoota isa gabbaru irraa qulqullaa’uu dha.
G60: Gara
Towhidaa yaamuu irra nabiyyichi hangam ture?
D: Waggaa
kudhan gara towhidaa yaamee, ergasii gara samii isaan ol bahamee, salaatni
shaman isa irratti dirqama godhame.
G61: Makkatti Nabiyyichi (SAW) salaata hangam
salaate?
D: Makkatti
waggaa sadi salaate, ergasii gara Madiinaa godaanutti ajajame.
G62: Hijiraa
jechuun maal jechuu dha?
D: Hijiraa
jechuun biyya shirkii irraa gara biyya islaamaa deeemuu,godaanuu dha. Biyya
shirkii irraa gara biyya islaamaa godaanuun ummata kana irratti dirqama. Isiin
hanga qiyaamaan taatutti ni jiraatti.
G63: Ragaan
waan kanaa maali?
D: Ragaan
jecha Rabbiiti:”warra biyya shirkii keessa jiraatuun lubbuu isaanii
miidhanii,malaaykonni guyyaa Badrii isaan ajjeesan,maal keessa turtan isaaniin
jedhan , biyya makkaa keessatti hacuucamnee turre, jedhanii yeroo isaan
deebisaa godhan, akkana jedhaniin: Dachiin Rabbii balloo dha. Keessaa hin godaantanii? Isaan san galoon
isaanii jahannami, bakka itti deemen ta’uuf waa hammaattee. Dhiira, dubartootaa
fi ijoollee irraa warra lallaafoo,tooftaa baasuuf I karaatti warra hin qajeelle
malee. Isaan san Rabbiin isaaniif irra darbuun ni kajeelama,Rabbii irra darbaa,
araaramaa ta’e.” (Annisaa’i)
Ammaas
ragaan jecha Rabbiiti:”Yaa gabroota kiyya kan amantan! Dachiin tiyya balloo
dha, anuma gabbaraa!”(Al ankabuut:56)
Baghawiin
Rabbi rahmata isaaf haa godhuu! Akkana jedhe:”sababaan aayanni olii tun buuteef
,muslimtoota makka keessa turan, kan hin godaanin, Rabbiin maqaa iimaanaatiin
isaan waame.”
G64: Hadiisa
irraa godaanuu irratti ragaan maaltu jira?
D: Hadiisa
irraa godaanuu irratti ragaan, jecha Ergamaati(SAW):”Godaanuun hin dhaabbattu
hanga towbaan dhaabbattutti. Towbaan hin dhaabbattu hanga biiftuun lixa isii
irraan ol baatutti.” Ahmad,Abuu Daawud, Albaanii
G65: Eega
Nabiyyichi(SAW ) Madiinatti galee shari’aa irraa waan itti guutame dubbadhu?
D: Yeroo
Madiinaa qubatu, shari’aa Islaamaa irraa waan hafetti ajajame;fakkeenyaaf:
zakaa, sooma, hajji,azaana,, jihaada,toltutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu
fi shari’aa irraa wantoota kana fakkaatanitti ajajame.
G66:
Madiinatti Nabiyyichi (SAW) hangam takka amantii geggeessaa ture?
D: Waan kana
irra waggaa kudhan ture, Ergamaan (SAW) odoo diin isaa lafa irratti ummata
jiddutti hafee jiruu du’e. kan nu keessa jiru kunuu diin isaati. Toltuu
takkallee ummata isaa irratti qajeelchu malee, hamtuu takkallee irraa
baqachiisu malee hin dhiifne.
G67: Irra
guddaan kheeyrii Ergamaa(SAW) ummata itti ajajee maali?
D: Toltuun
inni ummata itti qajeelche: Towhidaa fi waan Rabbiin jaalatu hunda.
G68: Irra
guddaan hamtuu Nabiyyichi(SAW) ummata irraa baqachiisee maali?
D: Hamtuun
inni irraa baqachiise, shirkii fi waan Rabbiin jibbu hunda.
G69:
Ergamuun Nabiyyichaa(SAW) hanga muraasatti moo , ummata hundatti?
D: Rabbiin
isa gara nama hundaatti erge. Ajaja isaa godhuun warra dachii keessa jiraatan;
jinni fi nama irrattiis dirqama godhe.
G70:
Ergamuun Nabiyyichaa nama hundatti ta’uu raga fidi?
D: Ragaan
jecha Rabbiiti:”Yaa Muhammad! Jedhi: Yaa nama! Ani gara isin hundaatiin
ergame.”(Al a’araaf:158)
G 71:Amantiin ergamuu Nabiyyichaatiin
guutamtee?
D:Rabbiin
isaan amantii guute.
G 72: Diin
guutamee jiraatuu irraatti ragan maali?
D: Ragaan
jechaa Rabbiti:”har’a diin keessaan isini guutetiin jira, godhii tiyyaas isinii
xumureera, amantiifis islaammumaan isiinif jaalla dhe.”(Almaa’idaa:3)
G
73:Ergaaman Rabbi(S.A.W)du’uu irraatti ragaan maali?
D:Ragaan
jecha Rabbiiti:”Ati ni duuta, isaanis ni du,u. Ergasii guyyaa qiyyaama Gooftaa
keessan biratti wal mormuuf jirtu.”(Azzumar:30,3)
G 74:Namni
erga du’e booda garam deema?
D:Namoonni
yeroo du’an ni kaafamu.
G 75:Kaafamu
irraatti ragaan maali?
D:Ragaan
jecha Rabbiiti:”Dachii irraa isin umnee, isii keessatti isin deebifna, yeroo
biraas isuma irra isin baafna.”(Xaaha:55)
Ammaas jecha
Rabbiiti:”Rabbii irraa uuminsa isin uume, isii keessatti isiin deebifna ;
ergaasi isi keessatti isin deebise, baasinsa isi keessa isin baasa.”
G 76: Erga
ka’anis maaltu argama?
D:Erga
ka’insaatii qoratamanii,hujii isaani galata galfamu.
G77: waaan
sann irratti raga dubbadhu?
D: ragaan
jecha rabbiiti:”waan samii torbanii fi dachii
keessaa rabbumaafi,warra balleesssan waan isaan hojjatan galata galchee
fi warra toltuu hojjataniis gaarii akka galata galchuuf.”(annajm:31)
G78: murtiin
nama kaafamuu kijibsiisee maali?
D: namni
kaafamuu sobsiise ni kafara.
G79: waan
kana irratti ragaan maali?
D: ragaan
jecha rabbiiti:”isaan kafaran hin kaafamnuu yaadan. Lakkii, rabbitti kakadhe!
Kaafamtaniiti,waan hojjattan galata galafamtu. Sun rabbi irratti laafaa dha.(attaghaabun:7)
”
G80: Rabbi
maaliif ergamtoota erge?
D: Rabbi
ergamtoota hunda gammachiisoo fi sodaachisoo godhee, erge.
G81: Ragaa
kanaa maali?
D: Ragaan
jecha Rabbiiti:”Ergamtoota, gammachiisoo fi sodaachisoo goonee, ergine. Ilma
namaatiif eega ergamtoota itti Rabbi irratti wanni himatan akka hin taaneef
ergine.”(Annisaa’i:165)
G82: Ergamaa
jalqabaa eenyu; kan xumuraa hoo eenyu?
D: Jalqabani
ergamtootaa Nuuh yoo ta’u;xumurri isaanii immoo Muhammad (SAW) ta’a.
G83: Ragaan
waan kana irratti maali?
D: Nabi Nuuhjalqaba
isaanii ta’uu irratti ragaan jecha Rabbiiti:” Nuti gara kee,akka gara Nuuhii fi
nabiyyoota isaan boodaatti wahyii (beeksisa) goonetti
gooneerra.”(Annisaa’i:163)
G84: Ummata
hunda ergamaan itti ergamee jiraa?
D: Ummata
hunda Rabbiin ergamaa nuuh irraa kaasee hanga Muhammad(SAW) itti ergeera.
G85:
Ergamaan sun maalitti ajaja?
D: Rabbuma
qofa gabbarutti isaan ajajeeti, taabota gabbaruu irraa isaan dhoorga.
G86:Ragaan
waan sanaa maali?
D: Ragaan
jecha Rabbiiti:”Rabbiin kakadhe! Dhugumatti,ummata hunda keessa Rabbi gabbaraa,
taabota gabbaruu irraa fagaadhaa jechuun ergamaa ergine.” (Annahli:36)
G87: Wanni
Rabbiin gabroota hunda irratti dirqama godhe maali?
D:
Taabotatti kafaranii,Rabbitti amanuu dha.
G88:
Xaaghuuta jechuun maali?
D: Ibnul
Qayyim Rabbi rahmata isaaf haa godhuu akkana jedhe: “Xaaghuutni: waanuma
gabrichi daangaan dabre; gabbaramaa yooknaan hordofamaa yookaan ajaja godhamaa
irraa kan taee dha.”
G89:
Xaaghuutonni hangami?
D:Xaaghuutonni
baay’eedha; matootiin isaanii shani:Ibliis-abarsi Rabbii isa irratti haa bu’u,
nama akka isa gabbaran jaalatuu dhaan gabbarame, nama isa gabbarutti nama
waame, nama waan fagootiin beekaa himatee fi nama wanta Rabbiin buuseen alatti
murtii kennee dha.
G90: waan
san irratti ragaan maali?
D: Ragaan
jecha Rabbiiti:”Amantii ISlaamaa keessa dirqiin nama naquun hin jiru,
qajeelloon jallina irraa adda bahee jira. Namni taabotatti kafaree,Rabbitti
amane dhugumaan fannoo jabduu, hin cinne qabate;Rabbiin dhagayaa, beekaa
dha.”(Al-Baqaraah:256)
Hiikaan
dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruudhaa isuma kana.
Ammaas
hadiisa keessatti akka armaan gadii kanaatu jira:
“Mataan diin
Islaamummaa dha,utubaan isaas Salaata, fiixni dalluu (gooba) isaas karaa
Rabbiif qabsaawuu dha.” Tirmizii (2616) bareedaa, qulqulluu dha jedhee gabaase.
Rabbumaatu
akkaan beekaa dha. Rabbiin rahmata Muhammad, maatii isaa fi sahaabota isaa
irratti haa buusu, nagayaas.
No comments:
Post a Comment