Gammachuu ibaadaa keessa jiru
Alhamdulillahi faaruun kan
Rabbiiti. Nagayaaa fi rahmanni ergamaa aalama hundaaf rahmataa , gammaachiisaa
fi sodaachisaa ta’e irratti haa jiraaatu. Ergasii maatii isaaniitiifi sahaabota
isaaniirratti akkasuma hordoftoota isaaniirratti haa jiraatu.
Kana booda: Namni amane ibaadaa keessatti tasgabbii onneetiifi
gammachuu nafseeti argata. Tokkoo warra gaarii hojjatee yeroo gammachuu ibaadaa
Rabbiitiin argate dubbatu akkana jedha:<<Gammachuu nuti keessa
jiraannu osoo beekanii qixa dandeettii isaaniitiin nuun lolaniiti nurraa
fudhatan >>.
Gammachuu
fi milkii salaata keessaa; salaatni amantii isliminnaa keessatti sadarkaa
guddaa qabdi. Ragaan kanaa jecha Ergamaa(SAW) hadiisa Tirmiiziin gabaase
keesssatti akkana jedhan<<Mataan diin isliminnaadha. Utubaan
isaa salaata.>> ammaas Ergamaan(SAW):<<Jalqabni
waan gabrichi irraa qoratamuu,guyyaa qiyaamaa salaataa.yoo salaanni tolte wanni
hunduu ni tola yoo salaanni bade hujiin isaa kan biraatiis ni bada.>>
jedhan. Salaanni hariiroo(qunnamtii) jidduu gabrichaatii fi Rabbii isaati. Irra
cimaan milkii gabricha mu’uminaa fuul-duree goftaa isa uumee ,dhaabbatee
kadhatee isa guddisuu dha. Gaafa tokko gurbaan taabi’iin maqaan isaa<<Abdallah
Muhammad>>jedhamu abbaa isaatiin wajjiin gara mana sahaabicha
tokkoo deemee,sahaabichi isaan simatee keessumeesse. Yeroo salaanni ga’u
gabrittii isaatti lallabee; <<salaataaniin haara galfadhaa
bishaan wuduu’aa naaf fidi>>jedhee yaame. Yeroo kana
Abdallaahi fi abbaan jecha kana dinqisiifatan,sahaabichiniis dinqisiifachuu
fuula isaanirratti arkee sababii isaaniif ibse;Aniis Ergamaa Rabbiitiin(SAW)
isaa akkana jedhu dhagahe <<Yaa Bilaal ka’ii salaataan haara
nu galfachiisi>>Ahmad.
Milkii
zakaa keessatti arkamtu; Namni muslimaa zakaa fi sadaqaas wanni kennatuuf
qulqullinaa fi barakaa arkachuufi. Ammaas harka qalleeyyii fi haajamaa
gammachiisuufi. Guyyaa tokko Nabiyyiin(SAW) sahaabotni qabeenya isaaniirraa
karaa Rabbiitiif akka kennan ajajee gammadanii orihanii horii isaanii kennuu
irratti wal-dorgoman. Gariin isaanii horii isaanii fidan.
kuuniis fida.kan biraatiis fida . umar ammoo fide gammachuun qalbii isaa guute ,fuula
isaarraa mul’ate. Ergamaan(SAW):<<Warra keetiif maal hanbifte
?>>jedhanii gaafatan .<<Qixuma isaatiin
hambiseefi>>jedheen umar. Eegasii Abbaan Bakrii horii isaa
hunda baadhatee dhufe. Ergamaan (SAW)<<warra keetiif maaal
hambifte?>>jedhaniin.<<Rabbiifi Ergamaa
isaatiin dhiiseefi >>jedhee deebise.Abuu daawud fi
tirmiizii.
Gammachuu fi milkii soomanaa;soomanni lubbuu qulqulleesssee,naamusaan guddisuuf,rahmata isii keessatti magarsee,jaalalaan akka gabbattu godha. Ergamaan(SAW)<<Namni soomanaa yeroo lama gammada:yeroo sooma hiikuufi yeroo Rabbii isaaatiin walga’u. >>Bukhaari fi Muslim.
Gammachuu fi milkii soomanaa;soomanni lubbuu qulqulleesssee,naamusaan guddisuuf,rahmata isii keessatti magarsee,jaalalaan akka gabbattu godha. Ergamaan(SAW)<<Namni soomanaa yeroo lama gammada:yeroo sooma hiikuufi yeroo Rabbii isaaatiin walga’u. >>Bukhaari fi Muslim.
No comments:
Post a Comment