Fala(sihirii)
Maalummaa isaa,murtee isaafi mala ittiin of
irraa ittisan
Alhamdulillaahi faaruun kan Rabbiiti. Nagayaaa
fi Rahmanni Ergamaa isaarratti haa jiraatu.akkasuma maatii fi sahaabota
isaarrattiis haa jiraatu. Akkasuma warra karaa sirriirratti hanga guyyaa
qiyaamaatti isa hordofan hunda irratti haa jiraatu.
Fala jechuun maali inni?
Jechi fala (sihirii)jedhu kan inni dhufe dhokataa waan jedhu irraa
dhufe. Inniis wanti akkana jedhameef kan inni raawwatamu wantoota dhokataa
ta’an kan ijji namaa itti qaqqabuu hin dandeenye irraa waan ta’eefi.Falli kan
inni hojjatamu ilma namaatiin yoo ta’u namtichi yeroo waan kana hojjatu garuu
jinnii(sheeyxaana) of gargaarsifachuudhaani. Kan inni hojjatamuufiis nama garii
ittiin miidhuufi garii ittiin fayyaduuf ta’a. garuu nama miidhuus ta’ee fayyaduus
kan danda’u Rabbii guddaa qofa. namni fala hojjatu nama midhuuf yeroo jedhu
wanti inni hojjatu kanneen armaan gadii faadha.
Ø
Sammuun
namticha itti hojjatamuu akka jeeqamu(maraatu) gochuuf yaala
Ø
Qaamni isaa
akka fayyaa dhabu godhuuf yaala
Ø
Haadha manaa
fi Abbaa mana addaan baasuuf yaala
Ø
Barataa akka
inni hin dubbifne godhuuf yaala
Ø
Nama daldalu
yoo ta’e akka inni meeshaa isaa sirritti hin gurguranne godhuuf yaala.Haa ta’uu
malee wantoonni kun hundinuu yoo Rabbiin qadaratti murteesse malee miidhaa
tokkollee fiduu hin danda’u.
Murteen nama fala hojjatee akka amantii
islaamaatti maali?
Akka amantaa islaamaatti murteen
isaa akkanatti ilaalamuu danda’a. yoo wantoota inni hojjatuu fi haasawu keessa
hojiin ykn jechi kufrii jiraate akka tawbatee irraa deebi’u godhama. Yoo didee
irratti hafe murtee shari’aatiin akka ajjeefamu taasifama. Kuniis waan ergamaan
Rabbii(SAW) akkana jedhaniifi. <<murteen nama fala hojjatee
seeyfii(habaleen) dhawamee ajjeefamuudha.>>jedhan.Beektonni
islaamaa hojii fi haala nama fala hojjatuu ilaaluun,namni fala hojjatu mushrika
jedhanii murteessaniiru.Kanaafuu namni muslimaa kana beekee hojii akkasii irraa
of eeggachuun isa irratti dirqama ta’a.
Namani falli itti hojjatame
maaliin fayyuu(ofirraa deebisuu) danda’a?
Namni tokko falli itti hojjatamee ofirraa deebisuuf qabxiilee armaan
gadiitti fayyaadamuu qaba. Isaaniis
1. Toohidaan lubbuu isaa eeggachuu,wanti waan tokko
namarraan ga’uu danda’u Rabbiin malee hin jiru jedhee amanuudha.
2.
Ganamaa fi
galgala zikrii baay’isuu. Kanarra darbee namni falli itti hojjatamee miidhaa
isarraan gahe ruqaa(Qur’aaanaa fi hadiisaan) ofirraa deemsisuun ni danda’ama.
Namni falli itti hojjatame karaa lamaan ofirraa hiikuu danda’a. karaa lamaan
kana keessaa tokko dhoorkamaa yommuu ta’u tokko immoo hayyamamaadha. Inni
dhorkame sun fala falaan hiikuu ,nama fala hojjate bira deemuun akka inni
isarraa hiiku gochuudha(kun haraama.) . kan hayyamamaa ta’e immoo Qur’aana
ofitti qara’uu,ofitti qaraasisuun kan ofirraa hiikaniidha. Qur’aanni qara’amaniis
kan akka suuraa kaafiruun,ikhlaas,mu’awwizatayni,faatiyaa,yaasiin,aayatulkursiyyii,aayatoota
dhuma suuraa baqaraatti argamaniifi kan birootiis fedha Rabbiitiin ofirraa hiikuun
ni danda’ama.
No comments:
Post a Comment